Appilikeeshinii kana buufachuuf dhuma barruu tanaa irraa bakka as tuqaa buufadhaa yokiin dawnload jattu tuquun buufadhaa!
Ashama harka fuune hordoftoota website kheenyaa nagayaaf rahmanni rabbii bakkuma jirtanitti isin haa gahuu jechaa arra waan gorsa namaaf taha ja’e takka qabadheen dhufe
Dhibbina sammuu. Dhibbinni sammu yeroo ammaa kanatti namoota baayyee miidhaas jira. Keessattuu namoonni biyya ambaa jiraatan rakkoo dhibbina sammuu kanaan baayye baayyee miidhamuu irratti argamu.
Dhibbinni sammuu kun kan irraa dhufu mataa keenyatti dhugaa himuu dhabuu irra kan ka’e namoonni baayyeen osoo of irratti hin beekin rakkoo kanaan miidhama.
Addunyaan kun ofiifuu qormaata yeroo hunda si qoraa deemti hanga umrii teetii hojjattee qabaattuus , dhabdee rakkattuus; hiyyummaa qabeenyaa yokiin rakkina qabeenyaa keessaa baata. Rakkina hiyyummaa keessaa bahuuf hojjattee baata; garuu rakkina sammuu keessaa bahuun kan qaama kee keessaa baaftuun hojjattee qarshiin duroomuu osoo hin taane sammuu kee kana dirqamaan sobdee tasgabbeeysuudha.
Namoonni baayyeen kan hiyyummaan sammuus jeeqamtu, yoo hojjatee argate waan sammuun isaa tasgabboytu itti fakkaata garuu akkas miti. Namoonni yeroo argataniis yeroo hiyyummaan sammuun isaanii yaaddoytee rakkattu san caalaa yeroo durooman rakkatu.
an akka kiyyaatti wanniin ilma namaa irratti arke ammoo, namoonni jiddu jireysa tahan jachuun namoonni hiyyummaa kessaas hin jirre tujjaarummaa yokiin dureysa hin tahin nahayaan sammuun isaanii tasgabbiin jiraata.
kana yeroon ja’u namoonni biyya ambaa keessa jira dafanii qaamni isaanii dhibbina sammuu kanaan jeeqamanii dafanii gara dullumaa qaamni isaanii jijjiiraman. Sababni isaa ammoo namoonni kunneen gaafa biyya jiru keessattuu naannoo keenyatti dargaggeeysi tabatee kofluu malee waan jireenyi isaa fuulduraa itti jallachuufi itti duromuu hin yaadu kan hiyyummaan waxalaa baatii isaarraa eegalte yoo tahe malee.
gabaabumatte ati obboleysoo rakkina addunyaa kanaa laaltee qaama kee eegachuu yoo guddifte irra siif wayya. Addunyaan tun manaama yokiin abjuu sani rakkattuus rakkina keessaa duroomuun baatuus hin cinqatin
Namni maalif miidhaa dhiphina sammuu kanaan qabamuu danda’a
Fakkeenyaaf namni tokko kan rakkoo dhibbinaa yokii strees kanaan qabamuu kan sababa tahuuf:
1,waan tokko yoo kan dogoggoraan osoo hin beekin balleysite yokiin akka malee gootetti gadduun midhaa kanaaf nama saaxiluu danda’a.
2, namni tokko hirriiba gahaa yoo kan hin rafne tahe miidhaa kanaan qabamee dhibbachuu danda’a.
3, akkasuma namni tokko yoo kan yeroo hunda hujiin dabarsu tahe miidhaa kanaaf saaxilamuu danda’a sababni namni yeroo hunda hojjatee of jiraachisuun akkuma jirutti tahee qaama keef yoo yeroo kannitee buhaarte sammuun kees nagaya argata
4, hirriiba gahaa rafuu hirriiba gahaa yoo hin rafnees rakkoo kanaan saaxilamuu danda’a
5, Rakkina kana waanni sitti fidu inni biraa ammoo kobaa jiraachuudha. Namni tokko yeroo hunda yoo kan kobaa taa’u tahe sammuun isaa jeeqamuu danda’a waan tahee, yeroo tokko tokko namoota baayyee walitti dhihaattan yokii nama si buhaarsan kan sihaaseysiisan bira deemuun dirqama
Miidhaan rakkinni dhibbachuu kun nurraan fidhu hoo
Gabaabumatti akkuma mata-duree asii olii keysatti isiniif ibsuu yaaletti rakkinni miidhaan kun nama irraan gahuu danda’u:
1, dafanii dulloomuudha namni yeroo hunda sammuu isaa yaadaan dararu dafee qaamni isaa gara dulloomuutti deema.
2, namni dhibbina kana yeroo hunda sammutti dhiifatu, sammuu isaa irra miidhaan lakkuma deemuun gara maraatuutti deemuu danda’a.
3, miidhaan kun deemee deemee umrii nama dhibbachuu guddisuullee gabaabsuu danda’a
Ofirraa ittisuun ammoo haaluma asii olitti isiniif barreysetti dhibbina kana if(of) irraa ittisuuf hanga qaamni keenya irrachuu eynu takka of irraa eeguu qabna.
Kana yeroon ja’u ammoo irrinni qaama keenyaas rakkina sammuu yokiin dhibbachuu kana fiduu waan danda’uuf
Addunyaan kun ofiifuu xiqqoodha jachuun umriin nama ammaa ofiifuu xiqqoodha waan taheef bara lubbuun jirtutti bashannani, bara lubbuun jirtutti gammachuu qofa yaadi
Gammachuun isiniif haa baayyattuu
App bufachuuf DOWNLOAD TUQA WIFI
DOWNLOAD