Dadhabbinna saalqunnamtii maal irraa dhufa

Dadhabbinna saal-qunnamtii maal irraa dhufa Hiika “dadhabina saal-qunnamtii” dhiphisnee yoo ilaallu, laafina sochii qaama saalaa dhiiraa/dubaraafi walqunnamtii saalaaf qophii ta’uu dhabuu wajjin walitti dhufeenya kallatti qaba. Garuu “qophaa’aa ta’uu dhabuu” jechuun walqunnamtii saalaaf qophaa’uu dhiisuu qofa miti. Hiika bal’aa qaba. Rakkoon walqunnamtii

saalaa saalqunnamtii karaalee sadihiin (3) uumamuu danda’a.1.Inni jalqabaa rakkoo walhormaataa uumamaatiin kan dhufu yoo ta’u, kunis rakkoo xannachoota(hormonota) oomisha sanyii kormaafi dhalaa irratti hundaa’a. Kunis jijjiiramuu amala kiroomozoomii, dubaraa fi dhiiraa ovaarii fi testosteroneti.2.Inni lammataa ammoo adeemsa guddinaa erga dhalatanii booda rakkoo qaamaa, sammuu, xiinsammuu fi hawaasummaatiin kan dhufu rakkoo walqunnamtii saalaa dha. 3.Inni sadaffaa ammoo rakkoo hafuurota hamoo(sheeyxaana) irraa

dhufan. Gosti dadhibina saal-qunnamtii kanaa tolcha(falfala) harki namaa dalaguun ykn rakkoo jinnoonni namatti fidaaniifi rakkoo summii ijaa(budaa)irraa dhufaa. Rakkoowwan kunniin yeroo uumamanitti ።Saalqunnamtiidhaaf tasumaa qophaa’uu dhabuu, ።Tasumaa miirri fedha foonii namaatti dhaga’amuu dhabuu, ። Miirri Fedhii foonii usuma jiru dantaa dhabuu, ። Qunnamtii keessattu quufa isa dhumaa irra ga’uu dadhabuu, ።Miira nama biraaf qophaa’uu dhabuu (jaarsaaf jaartiin miira wolii eeguu

dhiisuu) ።Hariiroo sanaaf qophaa’uu dhabuu kan dabalatudha.Mee mallattoolee ijoo nama rakkoo kana qabuu haa ilaallu!Mallattoowwan ijoo dhiiraa fi dubartiin yeroo qaama saalaa dhiiraa ka’uu dhabuun isaan mudatu, waliinis ta’e dhuunfaan, kanneen armaan gadiiti.1️⃣ Fedhii saalaa dhabuu (lamaanuu) .2️⃣ Qaamni saalaa walqunnamtii saalaaf qophaa’uu dhabuu (dhiira irratti) .3️⃣ Walitti hidhamiinsaaf qophaa’uu

dhabuufi hamma bishaani qaama saalaa keessaa ba’u gahaa tahuu dhabuu.4️⃣ Walqunnamtii saalaa yeroo godhamu dhangala’oon qaama saalaa dhabamuun walqunnamtii saalaa goggogsuu fi dhukkubbii akka ta’u taasisa (dubartootaaf) .5️⃣ Sadarkaa itti quufinsa isa dhumaa irra gahuu dhabuun mallattoo ijoo saalqunnamtii dadhabuu ta’ee fudhatama.Sababoota dadhabbii saal-qunnamtii fidan.1.Qoricha saal-qunnamtii kakaasu(viagira fi qoricha aadaa ta’ee kan akka viagraatti qaama yeeroo muraasaaf akka dhaaphatu taasisu) irra deddeebiin fudhachuu ykn gorsa ogeessaa malee fudhachuu. Qorichi kun qoricha namni hundi

fudhachuu qabu miti. Qorichi kun dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi tiruu hammeessa. Akkasumas ujummoo dhiigaa dhiphisuudhaan dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu fi hir’ina dhiigaa fida. Namoonni haala fayyaa kana qaban sababa kamiinuu Viagra fudhachuu hin qaban.Kanaafuu, haala kamiinuu Viagra ajaja hakiimaa malee fudhatamuu hin qabu. Qorichi kun ogeessa fayyaatiin yoo ajajamellee, yeroo dheeraaf yoo fudhatame araada namatti ta’uuf carraan isaa

guddaadha.Yoo araada qabaate qorichi sun yoo fudhatame malee walqunnamtiin saalaa akka hin danda’amne ta’a. Qorichootni biroon kan bifa aadaatiin fudhatamu miidhaa walfakkaataa waan qabaniif yeroo danda’ametti of eeggannoo barbaachisaa gochuun barbaachisaadha.2.Kana

malees shira hafuurota hamaa (sheeyxaana) irraa rakkoon kun argama. Kana jechuun dubartiin jinnootaa dhiironni dubrtii wojji saal-qunnqmtii gochuu akka hin dandeenye dhoogguun rakkoon armaan olitti ibsame kun kan uumamu gaa’elli dhiiraa waliin godhamu dubartoonni yeroo itti dhiyaatanis akka fashalu gochuun akka ta’es

hayyoonni qoricha yaala Hafuuraa(raaqiiwwan) ni ibsu.Akkaataan dubbii yaala ammayyaa fi ogeeyyii qoricha aada adda ta’us, dhimma kana irratti yoo sirriitti ilaalle baay’ee wal fakkaatu. Dadhabbiin saal-qunnamtii balaan alatti uumamu jechoota ammayyaatiin akka saayikoloojii fi hawaasummaatti kan ibsaman yoo ta’u,

jechoonni ogeeyyii qoricha aadaatiin ammoo hafuurota hamaa(sheeyxana) kan agarsiisan ta’a.3. Dhukkuboota birootiin namoonni saaxilaman rakko sal-qunnamtii kanaaf salphamatti isaan mudachuu danda’a. Keessumattuu dhukkuboota akka dhukkuba onnee, dhukkuba kintarotii, dhukkuba cophxoo(gonore) dhukkuba Nervii fi kkf.

Wolumaa galatti rakkoon dadhabina saal-qunnamtii dhukkuba baayyee yaddessaafi bultii namoota hedduu diiguu irratti argamuudha. Dhukkubni kun akkuma dhukkuboota biroo yaala mataa isaa danda’e qaba. Yaalli tokko kan namoonni manumatti ofiif of yaalu qabuudha. Isa kana yeeroo dhihotti isiniif maxxansina. Fuula

kana hordofuun irraa fayyadamuu dandeettu.Yaalli lammataa kan qaamaan ogeeyyii keenya argachuu qabaattuudha. Innis akkaataa gosa dhukkubaa irratti hundaa’uun yaala kallattii adda addaatiin kennamuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *