Furmaata Dhukkubbii Dugdaa

Furmaata Dhukkubbii Dugdaa(back ache) Mala 1.JINJIBILA • Bakka dhukkubu sanatti zayita baargamoo(eucalyptus oil) maankaa sukkaaraa 2 cuunfaa zanjabilaa maankaa sukkaaraa 2 wolitti dabalaa, dugda keessan bakka dhukkubbii

qabutti, rafuuf yoo jettan dibadhaa. Bu’aa gaarii argachuuf Irra deddeebiin fayydamaa• Hundee jinjibilaa jiidhaa/kan hin gogin muraa haphii 4 hanga 6 muruun bishaan burcuqqoo tokkoo wajjiin ibidda laafaa irratti daqiiqaa 10 hanga 15f danfisaa. Erga danfee booda daqiiqaa 5 lafa kaayaa qabbaneessaa. Erga qabbanaayee Damma maankaa shoorbaa tokko itti

dabaluudhaan dhugaa. Guyyoota 5-7 wolitti fuufinsaan ganamaafi galgala nyaata booda dhugdu. Mala 2.Baala urgoo/kefoo/ريحانا(Basil)• Bishaan kubbaayyaa tokko keessatti baala kefoo(urgoo) 8 hanga 10 itti dabaluun hamma bishaan sun danfee hanga kubbaayyaa gara walakkaatti gadi xiqqaatutti danfisuu. Erga

danfee lafa kaayanii qabbaneessuun Dhukkubbii dugdaa salphaadhaaf, guyyaatti al tokko dhuguu; dhukkubbii cimaaf guyyaatti al lama dhugu.Mala 3.Qullubbii adii(garlic). Zayitii qullubbii adii qopheeffachuuf zayita sanaaficaa ykn zayita saliixaa shinii tokko ho’a xiqqaa irratti ho’isuun booda qullubbii hidda giddu-galeessa tokko

quuncisanii itti dabaluun, ibidda laafaa irratti hanga qullubbiin diimatutti bilcheessuu . Zayitii sana calaluun akka qabbanaa’u taasisaa.Zayitii sanaan dugda keessan dibadhaa. Sa’aatii tokko booda ofirraa dhiqadhaa. Torbee tokkoof itti fuufinsaan fayyadamuu.Mala 4Hancuurraa/bosoqqee/kontoma(miracle leaf).Baala isaa ibidda laafaa irra qabaa hoo’isaa

,

yoo baalli wolitti rifatuu/kontooffachuu jalqabu ganaa keessaniin wolitti sukkuumaa, jiidha isaa wan akka zayitaa fakkaatu san dugdaitti dibadhaa. Yeeroo tokkotti baala 3 dabaree dabareen fayyadamaa.Mala 5. Zayita ejersaaZayitni kun biyya keessatti baafama. Mana qoricha aadaa kamiiyyii argachuu ni dandeettu. Zayitiin kun bifti isaa gurraacha. Furdaadha. Foolii bareedaa akka qoraasumaa

qaba. Zayitazeytuuniin(olive oil) miti. Isaan lamaan adda adda. Akkaataan fayyadama isaa zayita ejersaa mankaa sukkaaraa tokko dugda dhukkubutti dibachuun sa’aatii 1 booda ofirraa dhiquudha.Hubachiisa: Mala tokkoo ol al tokkotti hin fayyadaminaa.Kan garatti dhugamu dubartoota ulfaa hin dabalatu.Rabbiin Fayyaa Guutuu Isiniif haa keenu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *