Guyyaa WBO(Amajjii 1)

Baga Guyyaa WBO fi bara haaraya geysan!

Amajjii tooko Guyyaa WBO Kan jannee  ummanni Oromoo fi Waraann bilisummaa Oromoo bara baraan kabajaa jira khan seenaa isaa waliin laalla:

Ayyaanni khun baroota 40n’ dabran kana irraa khaasee qabsaawoonni Oromoo qabsoo Oromoof Of kannan kan lubbuun jiraniifi khan lubbuun hin jirre akkasuma miseensi Waraana bilisummaa Oromoo,deeggartoonni isaanii kan khabajaa turaniidha.

Ba

Baroota 19 torbaatamoota kheysa yeroo mootummaan dargiifi mootummaan somaliyaa siyyaad barreen wal dhaawaa turan sanitti qabsaahoonni Oromoo yokiin ABOn’ godinaalee Oromiyaa kanneen akka harargee, baalee arsii keessatti qabsoo qawwee geggeeysaa turan.

Yeroo sanitti waraanni mootummaan siyaad barree waraan dargii cabsuun jalqaba itopiyaa seenee ture. Bara 1978 irratti garuu waraanni  dargii waraana siyaad barree cabsuun somaliyatti deebisee ture.

Yeroo sanitti Waraanni bilisummaa Oromoo ABOn’ naannoo harargee, arsii fi baale keessa jira irratti dargiin xiyyeefatee irratti duulaa ture. Waraanni Dargii duraan waan somaliyaan wal dhawaa turee humni isaa amma gara waraan bilisummaa Oromoo qofa irratti xiyyeefatee ture bara 1978 hanga bara 1979tti Waraanni adda bilisummaa Ummata Oromoo humna guddaa dargii irratti injifannoo guddaa galmeysee ifirraa qolatee bara 1980 irratti injifannoo bara lamaan sanii amajjii takkaa ja’anii guyyaa WBO hanga guyyaa arraatti khabajaa jiran ilmaan Oromoo Waraana bilisummaa Oromoo irraa khaasee hanga miseensa, hanga ilma Oromootti Kan.

Sana malees guyyaan khun yaadannoo bara 1973tti rasaasa jalqabaa Addi bilisummaa Oromoo “khun sagalee bilisummaa Oromoo yokiin ABOti” jechuun baha Oromomiyaatti jall Elemoo qilxuu naannawa carcar xirroo ja’amutti diina gabroomfataa irratti dhukaasee wareega lubbu khafale yaadachuuf guyyaan amajjii Tokko guyyaa ilemoon dhukaasa banees wammata jechuudha.

Qabsoon Oromoo hanga guyyaa arraa galma akeekamte gahuu ilmaan Oromoo carraqqii wareega lubbu khafalaa jira

Maaltu Oromoorraa eeggama?

Wanni ilma Oromoo irraa eeggamu amaanaan khun kan itti khanname ilma Oromoo hunda namni amaanaa gootoota fuudhuuf yokiin galmaan gahuuf dhalate khan biraa hin jiru namni irratti eydu hin jiru waan taheef anarraas amaanaan ni jirti jannee xiqqaattuus haa goonuu waan qabsoo ful duratti  siysaa!

Qabsoon kheenya hanga gaafa bilisummaa itti fufa hanga gaafa khabajamnu ,hanga bobbaf galaa kheenya murteyfannuu dhaalmayaan wal harkaa fuudhaa galma qabsaawoonni bu’ureysitoonni nuf bu’ureysan san genyutti itti fufa

 

qabsoo bilisummaa Oromoo jalqabaa yokiin qeyroo ganamaa irraa khaasee warra Oromoof Of wareege hunda rabbiin jannataan haa qananiisuu!

Warra akka jaarraa abbaa gadaa, khan akka mullis gadaa, khan akka Elemoo qilxuufi qabsaawoota qeyroo ganamaa 36niis yaadachuun dirqama

Qabsaahoota jalqabaa yaadachuun jabina ummanni Oromoo qabsoo Lafa fi lafee Ofii irratti godhaniif nugargaara,akkasuma qabsaawoota jalqabaa yaadachuun murannoofi khutannoo jarri san bara dukkanaa kheysa qaban namatti mullisa, akkasuma wa danda’uufii wal khabajii, waliif Obsuufii Oromummaan akka dhiiga fii taate sibarsiisa.

Nu dhaloonni ammaa khun Dhiiga khiyya jachuun maal akka taateetu adda nuuf hin bahini  moo?

Qabsaawoonni Oromoo bara dukkanaa san kheysa jaalala Oromummaaf qabaniifi khan amma namni kheenya waliif qaban yoo laalle,  namni if jaalachaa deema moo if jibbaa deematu nu kheysa dhufa.

An seenaa bara durii khan  qabsaawoonni Oromoo shinniiggaa irratti qabsaahoonni 10 itti wareegaman san yaadadheen  waan amma kheysa jirru khana laalee gadda!

Barri namni Oromummaaf cichu, bara jaallan shiftoonni qabdee warri amantaa muslimaa hin tahin kheysaa khobaa bahaa warri khaan haa dhumanii jannaan, amantaan adda hin baanu ja’anii waliin dhuman! Rabbi Oromummaa akkasii Onnee teenya kheysa haa khaayuu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *