Oromoofi Oromiyaan akkamitti dhufuu dandeyse

Madda Oromoo khana beytuu laata?

Lafti Oromoo yeroo ammaa lakkuma mootummoonni biyya abisiiniyaa ja’amtu walirraa fuudhaa kaan kaanitti dabarsaa deemuun namuu bara isaatti ciree hanga barbaade dhiisaa, hanga barbaade muraa jiru tun, jalqaba akkami?

Mee jalqaba bakka fi hidda Oromoo haa laalluu. 

Oromoon saba guddaa ganfa africaa ilmaan kush kheysaa isa tokko ta’ees saba guddaa kush jechuun ni danda’ama.

Sabni Oromoo lafa kibba baha afirkaa fi lixa harka caalu akka Oromoon irra jiraachaa ture qorattoonni seenaa hedduun ragaa bahu.

Lafti Oromoos dangaa gara bahaatiin afaariifi somaliin dangeyfama; Dhihaan ammoo gambeellaa, bishan gulgumuz fi suudaaniin dangeyfama; gara kabaan ammoo agaw, amaaraafi tikrayiin dangeyfama; kibbaan ammoo somaaliyaa, keeniyaafii saboota kibbaan daangeyfama.

Seenaan dhugaa akka dubbatutti yoo khan fudhannu tahe, lafti soomaliyaan irra jiraattu hangi tokko, lafti amaarri irra jiraatu hangi tokko, lafti tigraay fi saboonni biraa baayyeen irra jiraatan hangi tokko khan Oromtichaa tahuu hubanna.

Bara 3500 kush irra adda bahee akka sabaatti jaaramaa ture Oromoon. Bara san irraa jalqabeeti khan lafa khana irra jiraachaa ture. Oromoon saba khan ja’amuu eegaltees bara 3500 irraahi jechuudha.

Akkaa seenaa duriitti lafa Oromoo jannee yoo khan himannu tahees, lafti Oromoon dur irra jiraattuufii khan amma Oromoon irra jiraachaa jirtu yokiin himachaa jirtu cinaan lafa(harki)tokko khan saamame jechudha.

Akkana jachuun ammoo, lafa amma Oromomiyaa jannuun tana haga gahuutu saboota Ollaatiin saamame jachuudha.

Lafti Oromoon duraan irra jiraachaa ture kaaree kilomeetire 600,000 ta’uu qorattoonni seenaa ni dubbatu. Motummoonni itoopiyaa dhufaafii dabraan carraan aangoo isaan gahe hundi lafa Oromoo ciree khutee lafa dur karee kilometer 600,000 tahu san 360,000′ tti tilmaamamutti galchee jechuudha.

Waa lafaa khana jala deemnee yoo khan odeyfannu tahe waan baayye nama dhibu Oromoo irraa hubanne dadhabina kheenya jecuudha. Dangaa Oromoo gara bahaatiin yoo khan laallu tahe, Oromoon lafa akkaataan inni khiyya ja’ee itti himatu mullata dur enyuutu irra jiraate ja’u irra dhaabbatee lafa takka himata; saboonni biraa lafa namni irra jiraachaa turan humnaan seenanii kolanii jala galfataniiti khan lafa takka teenya ja’anii himatan.

Nuti Oromoon ammoo lafa jalqaba ilma namaa dura irra qubanne himanna.

Mee isa lafa Oromoo bahaa khanatti haa deebinuu, lafti Oromoo gara bahaatiin seenaan Oromoo lafa akkuma dur seenaan dubbatu irra jiraatu san himataa jirti Oromoon bahaas; saboonni baha Oromomiyaa jiran khan akka soomaliyaa faan lafa dur Oromoota bahaa harka isaaniitti galfatanii yeroo gabaabaaf motummaan itopiyaa fi khan naannoo Oromiyaa itti gurgure himachaa jiran hanga ammaa.

Dangaan Oromiyaa gara hundaan khana kheysa jira ja’een yaada.

Motummaan yeroo ammaa biyya hoggonna ja’u khan hawaasa fixee lafa gurgurachaa jiru khana Oromoon xiiqiin irratti hirmaatee falmachuun dirqama.

Seenaa fi waan ofii hunda hordofnee jala deemuun Oromoofi Oromiyaa waliin tiysuudha!

Waan Ofii, dhiiga Ofii dhiiga abbaa khee irraa khaasii hidha dhalootaa qoradhu, lafa abbaa kheetii irraa khaasee bakka lafeen hidda kheetii itti awwaalamte hunda qoradhu bari waan khee!

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *