Seenaa adeeroo dr. Alii birraa

Ashama harka fuune hordoftoota website kheenyaa, nagayaafi rahmanni bakkuma jirtanitti isin haa gahuu
Haala Joollummaa isaanii
Seenaa qabsaaha oromoo gameessa abbaa artii fi qabsaaha guddina afaan Oromoo khana joollummaa isaa irraa eegalee haa laalluu
Gameysi namaa qabsaahan atii abbaan artii kun joollummaa isaatti erga dhalatee booda osoo hin turin abbaafi haati isaa wal hiikan , san booda aliin kobaa isaa haadha isaa malee abbaan isaa Dr. Alii birraa guddise
Dr.alii birraa abbaan isaa jalqaba osoo hin fuudhin gara dirree dhawaa hojiif deeme, haati isaatiis isii dubraa hojiif gara dirree dhawaa deemte, kanumaan isaaniis carraan walitti fidee maatii jaarrachuuf walitti dhufanii gameessa qabsaawaa mirga dhala namaa hayyuu khana alii birraa dahan, aliiniis erga dhalatee booda carraan akkuma xiqqo waliin turaniin carraan haadhaaf abbaa isaa adda baase
San booda kaa inniis kobaa haadha malee guddachuun
Haati isaa dhalattuu aanaa jaarsooti’ abbaan isaas dhalataa gaara mullataati
Jalqaba abbaan alii, aliis fudhalee gara magaalaa dirree dhaatti deemee karaa baaburaa irraa hojjataa ture.
Yeroo khanattiis alii’n jollummaa isaatiin waan karaa irra taa’ee waa gurguraa ture.yeroo waa gurguraaf bahee waa gurguree galu kanaas wallisaa gala
Waan gurguraa jiru khana faarsaa nama itti yaamuun gabaa isaa oowwisaa ture
Imala isaa gara artii yeroo galu:
kanumaan guddatee yeroo booda hawwisoon afran qallo tan yeroo sanitti dhoysaan hojjattu dirree dhawaa kheysa waan jirtuuf inniniis hawwisoo tanatti makame.
Hawwisoo afran qallo kana keessa hojjachaa osoo jiruu ammoo mootummaan gabroomfataan bara sanii hawwisoo afran qallo san gargar diigee khaan hidhee khaan ariyee biyyaa baase.
Imala artiif gara finfinneetti godhe
Dr.alii’n gara finfinneetti imala erga godhee booda habashoota sirban waliin wal argee wal baree akka sirbuu barbaadu gaafatee sirbuu eegale. Dr Alii’n nama afaan hedduu danda’u waan tahee yeroo dheertuu osoo itti hin fudhatin bekkamtii fi jaalatamummaa hawaasa biraa argate.
Afaanoonni inni beekuus: afaan Oromoo, afaan amaaraa, afaan arabaa, afaan soomaaliifi afaan adaree yokiin afaan harariis dabalatee ni danda’a ture.
Yeroo gabaabaa booda ammoo maatii isaa hayyamsiifatee akka gara suudaan deemu murteyse; suudaan deemee ammaas wellistoota suudaanii waliin wal-baree waliin waliin sirbuu eegale .
Sirboota afaan arabaas tahee harariis ykn adarees,somaalees, amhaaraas sirbuu eegale yeroo gabaabaa keysatti jalatamummaafi bekkamtii argate.
Dr.alii birraa nama yeroo jalqabaaf yeroo afaan Oromoo radio cabsa ja’an, yeroo ilmi namaa kan Ethiopia san keessa jiraatu kessaa hawaasni Oromoo adaraa mootii ja’ee ilmi namaa ittiin wal sodaachisu san keessatti ibidda kheysa dhaabbatee afaan Oromoo kan raadiyoo cabsa ja’an san akka raadiyoo hin cabsine garsiisaa tureedha.
Dr.alii birraa maqaan isaanii kan ittiin beekkamu kun “alii birraa” yeroo jalqabaa Dr.alii birraan sirba jalqabaa “birraadha bariye ” Kan ja’u ture. Jaalattootaafi dinqisiifattoonni isaa maqaa beekkamuun kana sirba isaa san irraa moggaasaniif jachuudha
Namni khun nama yeroo Dhiinni ykn habashoonni xiyyeeffannaan isaanii afaan saba guddaa afaan africaa kana balleeysanii ajjeesuuf kharoorfatan sanitti inni afaan saba guddaa kanaa kabajaa itti godhee bakka arra jiru tanaan gahe
Guddinaafii waa’ee artii oromoo yeroo dubbannu yokiin yaadannu alii birraa yaadanna, aliin seenaa afaan Oromoo waliin yeroo hunda yaadatama rabbi haa rahmatuufi
Hayyee khabajamtootaafii jalatamtoota dubbistoota website khenyaa seenaan Dr.alii birraa tan guyyaa arraa qabannee dhufne asumarratti goolabna, guyyaa biraa afaan Oromoo fi guddistoota afaan Oromoo barruu jattu qabannee seenaa qabsaawoota afaan keenyaa qabadheen dhufaa hangasittu nagayaan turaa!
Rabbiin jannataan sihaa qananiisuu Dr.alii birraa yokiin Dr. Alii mohammad