Seenaa Ummata cinaksan fi gosa jaarsoo

Ashama harka fuune hordoftoota website kheenyaa nagayaaf rahmanni rabbii bakkuma jirtanitti isin haa gahuu jechaa, guyyaa arraa seenaa ummata cinaaksaniifi gosa jarsoo bar 1980 ta irraa kaasee hanga 1997 daadarkaafii qabsoo isaan keysa turan irraa muraasa

Ummanni cinaksan kun bara dheeraaf mootummaan dhiibamee kan naannoo somalii jalatti cunqurfamaa turaniidha.

Akkasuma Baroota dheeraaf nannoo somaliyaa waliin kan wa lolaa turan yoo tahu, gootoonni akka fu’aad ĵaarsoo faan diinaaf hin jilbiiffannu jachuun ofii bannee jaarsoo jiraachifna jechaa diina nurraa qolachaa turan.

Akkuma gosti Oromoota kaanii damee baasaa hidda Oromoo irraa haabsamutti, gosti Oromoo cinaaksaniis damee Oromoo bareentooti.

Ilmaan Oromoo cinaksan lafa ja’amtu irra jiraatu kun gosa jaarsooti. Jaarsoon ilmaan jaha qaba isaaniis ja’an jaarsoo kan ja’aman irraahi. Jaarsoon kan dagaati, daga kan qallooti, qallo kan bareentooti jachuudha.

Mee jalqaba gootoota fi hayyoota lafa kanaa isin haa yaadachiisuu yeroo takka warra seenaan isaanii dagatamte

  • Fu’aad jaarsoo
  • Aklillu lammaa
  • Mullis Gadaa
  • Badhaasoo mixee
  • Mandela cinaksan

Gosti jaarsoo kan cinaksan jiraattu tun cunqursaa hedduun Oromiyaa irraa dhiibabtee somaaleysuuf bara meeqa aadaa isaa,  duudhaa isaa, maqaa lammummaa isaa jijjiiruuf gara somalummaatti yaalanii turan. Hanga bara 1997 motummaa naannoo somalii jala jiraachaa turan.

  • Ummanni kun akkuma Oromoon gadaan bulaa ture isaaniis gadaan bulan.

Fakkeenyaaf heerri isaan ittiin bulaa turan, heera sadeen dagaa kan bu’ureeyfate yoo tahu heera badhaasoo mixee gulantaa gulantaa faaraa boruu’ tiin bulaa turan bulaa jiraniis.

seerri badhaasoo mixee kun ji’a 12’tti jaarame. ji’a afur (4) ni tumame, ji’a (4) ni eybisan, (ji’a (4) ni abaarame ja’an seenaa isaa yeroo manguddoon dubbatan.

Seerri kun bakka dhaabbate eybisetti eybi isaa akka lafa hin buuneetu dubbatama, akkasuma seerri kun bakka abaaretti abaarsi isaa lafa hin bu’u. abaarsi isaas sibiila ibidda kheysa khaayanii diimeysanii irratti fincaani ja’aniin akka abaarsi san abbaa torbatti balleysutti.

abbaan gadaa Jaarsootiis waaleed nama ja’amu ture maqaa nama kanaa irraa diida yokiin lafti raareen amma irratti diinaan wal qabaa jirru kun maqaa nama kanaa irraa mogga’e

heerri mana badhaaso mixee khun Oromoota jaarsoo bira dabree, ummanni soomaaleetillee ittiin bulaa ture warreen akka gosa Izzaa, ya yabarree, issaaq birattillee heera ittiin bulmaataa tahee tajaajilaa jira.

 

Cinaaksan jachuun bakka daldalaaf mijjoytuufi lafa seena qabeytii turte

Fakkeenyaa nannoon tun baroota dheeraa jachuun bara 1000 dura daldalli guddaan irratti godhamaa ture. Nannoo magaalaa xiqqoo amma maqaan darbigaa ja’amtu kan irratti daldalli guddaan godhamaa ture.

Naannoo kana irraa fageenyi finfinnee irraa kilo meetira 642 kan fagaattu yoo tahu naannoon tun naannoo magaalaa jijjigaa irraa ammoo kilo meetira 25 qofa fagaatti,akkasuma naannoo magaalaa danbal kan ja’amtu fi jabuutti ittiis ni dhihaatti, akkasuma soomaliyaa bahara zeylaa kan ja’amu bahara san irraaniis daldalli biyya seenu jalqaba achiin seenuuf baayyee waan itti dhihaatuuf lafa daldala gurguddaaf mijjattuu taateedha

 

Seenaa magaalaa darbigaa

Seenaan magaalaa xiqqoo tanaa,Dalmally guddaan bara 1000 tokko dura irratti geggeyfamaa tureedha magaalaan tun moggaasni maqaa kanaa kan irraa dhufe magaalaan kun mannen isii hundi dhagaa irraa waan jaarameef darbii kan ja’u irraa maqaan kun alagaadhaan jijjiiramee afaan alagaa darbigaa ja’anii moggaasan.

Magaalaan kana irraa daldalli akka ilkaan arbaa fii meeshaaleen garagaraa gara aanaa konbolchaa aanaa magaalaa hararitti aantutti kan fi’amu achirraa ammoo Oromoonni  nannoo jimmaa faa irraa dhufanii daldala ilkaan arbaa fi meeshaalee soomaliyaa irraa seentu bitatanii galaa turan.

Akkasuma Magaalaan darbigaa tun masjiida guddaa umriin isaa bara 900 caalu tokkoos qabdi.

Seenaa maqaan aanaa cinaaksan kun irraa dhufe

Maqaan “Cinaaksan” ja’u kun

Nannoon magaalaan Cinaaksan irra teysu kuniis lafa bishaanii waan taateef namni tokko kan maqaan “hassan”  ja’amuutu nannoo amma magaalaan cinaksan irra teysu san cinaa bakka “luugoo”  ja’amtu qubatee jira, Namoonni daldalaaf looniifi ilkaan arbaa daldalan kun yeroo gara magaalaa darbigaa yokiin darbii’tti deeman, bakka amma magaalaan Cinaaksan irra jirtu kana halkan bulanii yeroo galaaf deemanii nama biraan wal arkanii “eysa bultan” waliin ja’an hassan Cinaa bulle waliin ja’an san irraa maqaan cinaaksan ja’u kun mogga’e jachuudha.

Xumura irratti kabajamoo mahamad abdukariim fi warra akka nama maqaan  mandeellaa mogga’eef kan sababauma qabsoo cinaksan kanaaf bara dheeraa mana hidhaatti dabarse sababa saniif maqaañ maddeella jachuun moggaasaniif namoota kanafi kaniin ammaaf maqaa isaanii hin beyne hedduutu jira cinaksan Oromiyaa jalatti deebisuuf carraaqqii guddaa warra godhe asumaan galatoonfachuun barbaada!

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *