Waa’ee Gadaa khana beytuu laata

Waa’ee Sirna gadaa kana beytuu laata?

  1. Sirna gadaa yeroo jannu yeroo ammaa khanatti hin jirree akka “dukkan dhalaa” ja’amu san tahee jira.

Dukkan dhalaa jechuun waan hin jirre khan joolleen sodaachisan khan hin jirre oduu qofa jechuudha.

Sirni gadaas waan akkasii tahee jira yeroo ammaa khana, sirni gadaa garuu sirna dimokraatiifi walqixxummaa namni silaa hordofee itti hojjatee jannata ittiin dhaaluudha.

Sirna seeroota addunyaa khan dimokraasi ja’amaanii itti fayyadaman hundi isa hin ginneedha.

Sirnoota gadaarra waa tokkoo lama yoo laalle:

Sirna gadaa jechuun seera ittiin bulmaata ummata Oromoo, siyaasaafi diinagdee walqixxummaan gaggeessuudha.

Seera sirna gadaa kheysatti abbaa gadaa, abbaa bookkuu, abbaa kallachaa, haadha siiqqee fi haadha caacuu jachuun geggeeysitoonni sirna gadaa beekkaman.

Hojiifi qoodni isaanii maali?

  • Abbaa bokkuu yeroo waldhabdee gosaafii gosa jiddutti uumamu kan jiddutti araara buusuudha. Waldhabdee khana kheysatti warroonni waldhabe kabajaa abbaa bokkuuf qabaniin yokiin khabaja sirna gadaaf qabaniin,abbaan bokkuu jidduu buunaan adda dhaabbatan. Ajaa’ibaa namni sirna gadaatiin bululleen khabajaan qajeelee naamusaan guddata akka amma khana osoo hin taane.
  • Abbaa khallachaa abbaan khallachaas akkuma abbaa caacuu waldhabdeen gosaafii gosa jiddutti yoo khan uumamu tahe khan jidduu gosa lamaanii bu’ee Adda dhorkuudha
  • Haadha siinqee/siiqqee haadha siiqqee jechuu shamarran yokiin haadhoolii irraa nama muudamuudha, fakkeenyaaf akkuma jara khaanii gosti lama yoo khan walitti buutu taate tan walitti araarsituudha.
  • Haadha caacuu haati caacuu fi abbaan bokkuu walitti ida’amuun bakka waldhabdeen uumamteti warra waldhabe jidduu bu’uu “araar, araar,” jechaa jidduu bu’uun nagaya warra buusuudha.

Sirni gadaa joollee daa’ima irraa khaasee dhaloota Oromoo hunda adabaafi naamusaan hawaasa Oromoo khan guddisuudha.

Fakkeenyaaf sirnoota gadaa bu’ura godhattanii yoo khan laaltan taate sirna gadaa irraa naamusaa, guddina, sodaa rabbii jaalala biyyaa, hawaasummaa fi wantoota gaggaarii khan irraa barattuudha.

Akka seera sirna gadaatti dhala namaa irra dabree,bineensa gaaraa irra dabree mukhaafii citaan lafa Oromoo irraa biqile seera ittiin khabajamuutu jira

Seera sirna gadaa ittiin waa khabachisiisan kheysaa muraasa yoo khan laallu tahe:

Haati takka yokiin shamarri takka yoo siiqqee qabattee namoota taa’aa jiru irra dabruuf jatte yokiin karaatti wal afaan dhufan yokiin namootaatu haasaha jiru yoo manatti itti seente hanga isiin isiniif hayyamtutti ni calliftan, yoo kan deemaa jirtan tahe hanga isiin dabri siin jattuu nidhaabbatta.

Waaniin ajaa’ibe kheysaa namni gaafas sirna gadaan bulaa ture san dhiiraa dhalaan naamusa isaaniin ajaa’ibe akka itti seera khabajan

Itti aansee seera bineensi Gaaraa ittiin khabajamu muraasa yoo laallee

Seerri bineensi gaaraa ittiin khabajamu kheysattiis bineensi tokko yoo nyaachaa jiraate dhahuun dhoorkaadha, bineensi haadha hoodha/nuugaa jiraate dhahuun dhoorkaadha, akkasuma yoo walqunnamtii godhaa jiraate dhahuu dhoorkaadha.

Seera sirna gadaa arraaf hanganumatti dhaabna guyyaa boruu itti deebina namoonni seera sirna gadaa baruu barbaaddan waan dandenyurra isiniif maxxansinaa waan taheef yeroo hunda website kheenyatti dhihaadha!

Waan dubbiftaniif galatooma!

 

   

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *